Ummanni Oromoo akkasumas ummanni biyya keenyaa marti baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa geessan- Obbo Shimallis Abdiisaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Ummata Oromoo akkasumas ummata biyya keenyaa maraan, baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa milkaa’ina Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatiin simatametti ceetan yoon jedhu gammachuu guddaa waliini jedhan.Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.Ummata Oromoo akkasumas ummata biyya keenyaa maraan, baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa milkaa’ina Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatiin simatametti ceetan yoon jedhu gammachuu guddaa waliini.Mootummaan Jijjiiramaa Looreta Nagaa Addunyaa, Ministira Muummee keenya Abiyyi Ahimadiin (PhD) gaggeeffamu, waggoottan darban, cabiinsa garaagaraa sirnoota darbanirraa dhaalaman akkasumas, qormaatilee humnoota jijjiiramicha xobbeetti hambisuuf wixxinfataniin umaman keessaa ummataafi biyya keenya bayyanachiisuuf sochii addaa taasiseera.Gama birootiin olka’iinsafi kabaja maluuf goonfachiisuuf hojiilee milkaa’oo hedduu raawwateera.Sochii lakkuun kun, gama misooma qonnaa, omishaalee al-ergii, Ashaaraa Magariisaa, misooma kooriidarii, turizimii, dijiitaalomsuufi bulchiinsafi goolabbii pirojektootatiin injifannoowwan gurguddoo nugoonfachiisera. Gama dippiloomaasitiin milkaa’inooa seena qabeessa hedduu galmeessisaa tureera.Birraan baranaa, barii injifannoo guddicha bara keenyaa, bu’aa cichoominaa, ogummaa hoggansaafi irree tokkummaa ummata keenyaa kan ta’e, Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD), xumuruun abdiirraa gara ifa qabatamaatti itti ceene ta’uun, gammachuu keenya dachaa kan taasisudha. Pirojektiin kun, dheebuu walakkaa jaarraa tokkoo oliif biyyi keenya qabaachaa turte hawwiirraa gara humna ji’oopolitikaa qabatamaatti kan ceesisedha.Injifannoo olaanaa kanaaf, fuula hoggansa tarsiima’aa dhaloota kanaa kan ta’an, Looreta Nagaa Addunyaa Ministira Muummee keenya Abiyyi Ahimad (PhD), ummata Oromoo, ummata Itoophiyaa, hojjettoota hirmaataniifi qooda fudhattoota mara galateeffachuun barbaada.Akka Naannoo Oromiyaattis, barri 2017 har’a gaggeessinu, bara injifannoowwan gurguddoo itti goonfanne, akkasumas bara murtoowwan seena qabeeyyii itti dabarsineedha. Isaan ijoo yookaafne, bara “mootummaa gandaa/araddaa”, gama hundaan aangoome, wiirtuu xiyyeeffannoo hoggansaafi caasaa mootummaa sadarkaan jiranii ta’e gurmeessuun, murtee seena qabeessa itti dabarsineefi hojiirra itti oolchinedha. Gama birootiin, bara yaaliifi cichoomina hedduu booda, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin waliigaltee NAGAA murtoo gootummaa gaafatu itti taasifnedha.Kanaanis, gama tokkoon gaaga’amaafi gadadoo ummata keenyarra gahu hirdhisuufi Oromoo gidduutti nageenyi akka bu’u karaa saaquu dandeenyerra. Akkasumas rakkoon keessoo Oromoo akka duudhaa sirna Gadaatti, mariifi marabbaan akka furamu nagaaf harka diriirsuun kutannoo qabnu bara itti mirkaneessinedha.Dabalataanis, barri kun bara inisheetivoonni gama hundaan eegalle itti babaldhatan, qulqullinaafi oomishtummaa mirkaneessutti ce’uun, caalmaatti bu’aa itti argamsiisan, haalli mijataa qusannaa, liqiifi invastimantii qoteefi horsiisee bulaa akkasumas intarpiraayizootaaf umame bu’aa abdachiisaa itti argamsiisefi haaromsi aadaa Oromoo itti labsame ture.Walumaagalatti, bara galmoota gurguddoo Mootummaa Jijjiiramaa Naannoo keenyaa sadeen: dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta’e horachuu, dinagdee ummataa cimaa umuufi sirna cimaa ijaaruu – irratti bu’uura baldhaa itti keenyedha.Haata’uu malee, injifannoowwan kunniin, guutummaa galmoota qabsoo Oromoo waliin walbiratti yoo madaalaman, deemsa qususaa kan caaluu miti. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaa, dhugaa kana hubachuun, bara haaraa 2018’titti, ummata, hoggansaafi caasaa sadarkaan jiran daangadhaa hanga daangatti, akkasumas walhubannaa cimaafi miira haaromeen sochoosee, furguuga umuuf kan murteesse waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif xiiqiifi anniisaa haaraa horachuun akka ofqopheessinu imaanaa jechuun barbaada.Bu’uuruma kaanaan, mootummaan keenya, bara haaraa kana kan simatu, ciminoota bara darbee caalaatti cimsuufi hanqinoota turan maqsuun, hojiilee misoomaafi inisheetivootaa qulqullina, ariitiifi yeroo qabamanitti, qixa karoorfamaniin raawwachuuf qophii ta’eeti.Akkasumas, rakkoolee kenna tajaajilaa, hirmaachisummaafi murteessummaa hawaasaa, baadiyyaatti mootummaa gandaa hundeessun hundeerraa furuu jalqabe, bara kanas cimsee kan ittifufu ta’a. Dabalataanis, magaalotatti Wiirtuulee “Tajaajilaa Tokkoffaa” guyyaa har’aa eebbifamaa jiran hojii keessa galchuufi babaldhisuun, komii ummataafi gufuu misoomaa gama kanaan jiran hambisuuf sochii tarsiima’aa kan itti taasisudha.Gama birootiin, rakkoo nageenyaafi gaagga’ama ummata keenyaa ittisuu, darbees hambisuuf, garaagarummaa jiru marii nagaatiin furuuf, jalqabbii jiru cimsee kan ittifufu ta’a.Bara haaraa kanatti, imala nageenya Oromiyaa waaraawaa taasisuuf eegalame milkeessuuf, murnoota hidhannoo bosonatti hafaniif, Mootummaan Naannoo Oromiyaa harka nagaaf diriirse kan hindachaafne ta’uu carraa kanaan mirkaneessaa, garaagarummaa jiru marii nagaatiin furree boqonnaa gadadoo ummata keenyaatti dhuma akka goonu maqaa kiyya, maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi maqaa ummata Oromootiin waamicha nagaafi marii dhiyeessun barbaada.Dhumarrattis, mootummaan keenya bara haaraatti, nageenya naannoo keenyaa waaressuu, misoomafi inisheetivoota hojiirra jiraniifi haaraa qabaman ariifachiisuun, ce’uumsa hawaas-dinagdeefi siyaasaa eegalaman irree tokkoomeen kan finiinsu ta’uu ummata keenyaaf mirkaneessaa, irradeebiin baga bacaqii gannaa ofkoltanii, booqaa birraa argitan jechuun barbaada.Gadaan Quufaa gabbina!Barri Roobaa Nagaya!#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.