Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Eebbifamuun Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa hawwii Itiyoophiyaa barootaf ture dhugoomse jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.Seenaan yoo jijjiiramu, Abbaayyaan yoo hidhamu, seenessi wayita qajeelu agarre jedhan ergaa baga gammaddanii dabarsaniin.Bayyanannaan Itiyoophiyaas dhugoome jedhan.Kanaa oltu nuuf mala, seenaa biroo hojjechuuf qophoofneerra jechuun ibsan.Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa eebbifamuu isaatti Ummanni Itiyoophiyaa hundi baga gammaddan jedhan.#Oromia #Ethiopia