Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) –Dureessummaan addunyaarraa sadarkaa jalqabaarra kan ture Elan Maski hundeessaa dhaabbata Ooraakil kan ta’e Laarii Eelisaniin caalame.Qabeenya waliigalaa Doolaara biiliyoona 300 fi biiliyoona 85 kan qabu Elan Mask Laarii Eelisaniin Doolaara biiliyoona 8 caalamuun sadarkaa isaa gadi lakkiseera.Akka gabaasa guyyaa kaleessaa baheetti qabeenyi waliigalaa Laarii Eelisan Doolaara biiliyoona 300 fi biiliyoona 93 qaqqabuun dureessa addunyaa sadarkaa jalqabaarra gahe ta’uu isaa CNN gabaaseera.Abeel Nawaayiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.