Manni Maree Nageenyaa Naannoo Amaaraa haala nageenya naannichaa gamaaggame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC)- Manni Maree Nageenyaa Naannoo Amaaraa haala nageenya naannichaa gamaaggameera.Gamaaggamichaan haalli nageenyaa naannichaa yeroo gara yerootti fooyyaa’aa dhufuu ibseera.Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Amaaraa Dooktar Mangashaa Faantaawu ibsa taasisaniin, Manni marichaa haala waliigalaa nageenya naannichaa gamaaggameera jedhan.Qaamoleen hidhatanii cakkaa keessa socho’aa turanis karaa nagaan galaa jiraachuu fi hoggansa fudhachuun gara hawaasaatti makamaa jiraachuu himaniiruHidhattonni karaa nagaa filatan ummanni keenyaa nagaa argachuu qaba jechuun sochiilee idileetti makamaa jiraachuu dubbataniiru.Manni Marichaa hojiilee hidhattoota karaa nagaa filatan deebisee dhaabuuf hojjetamaa jiruus gamaaggamuu kaasaniiru.Hojiileen hidhattoota deebisanii dandamachiisuu cimee itti fufuu akka qabuus eeraniiru.Nageenya waaraa naannicha keessa jiru caalmaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachiisaa ta’uu isaan kallattiin kaa’amuu ibsaniiru.Akkasumas Manni Maree Nageenyaa hojiilee damee Barnootaafi Misoomaa gamaaggamuu himaniiru.Hojiileen misoomaa fi Barnootaa cimanii akka itti fufaniif xiyyeeffannoon addaa kennamuufi akka qabu kaasaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.