Rippaablika Diimokiraatawaa Koongootti duulli Talaallii Vaayirasii Iboolaa eegalame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Rippaablika Diimokiraatawaa Koongootti duula Talaallii Ittisa Vaayirasii Iboolaa eegalchiise.Biyyattiitti facaatiin dhibee Iboolaa babal’achuu hordofee duulli talaallii kun eegalamu hime.Vaayirasiin Iboolaa waggaa sadi booda Rippaablika Diimokiraatawaa Koongootti irra deebiin kan mul’ate yoo ta’uu, jalqaba Baatii Fulbaana kanaa keessa saffisaan tatamsa’uutu eerame.Namoonni 32 dhibichaan qabamuu fi namoonni 16 ammoo lubbuun darbuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ogeeyyii fi qorichaalee gara Magaalaa Kinshaasaatti erguun duula Talaallii ittisa dhibichaa har’a eegalchiisuu ‘African News’ gabaaseera.Miikiyaas Ayyalaatiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.