Tumsa gama maraa Itiyoophiyaafi Kuubaa cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 2,  2018(FMC)- Hariiroo dippiloomaasii gama maraa Itiyoophiyaafi Kuubaa daran cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama.Hogganaan Hariiroo Uummataafi Id-alddunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa jila Pireezidaantii Inistiitiyuutii Michummaa Uummataafi Miseensa Paarlaamaa Kuubaa Ferdinaand Goonzaaleesiin durfamu waliin mari’ataniiru.Marichaan miseensonni jila garee Kuubaa Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa eebbifamuu isaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.Hidhi Haaromsaa mallattoo cimina waloofi badhaadhinaati ta’uu ibsanii, imala badhaadhinaa biyyattii kan saffisiisu ta’uu eeraniiru.‎Paartiiwwan lamaan hariiroo waloo paartiirra darbee, hariiroo mootummaafi mootummaa akkasumas ummattootaa cimsuun faayidaa waloof hojjachuu akka itti fufan beeksisan.‎Biyyoonni lameen dhimmoota waloorratti hariiroo isaanii waliigalteen cimsuuf hoggantoonni biyyoota lameenii gahee isaanii akka bahatan waliif galaniiru.‎Biyyoonni lameen dameewwan tumsaa turan ciimsuun fi carraalee haaraa babal’isuun xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabanis kaasaniiru.Tumsa siyaasaa, hawaasummaafi diinagdee biyyootaafi paartilee lameenii daran cimsuuf murannoo qabaachuus ibsaniiru.Haaluma walfakkaatuun jilli garee kun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti miseensota garee michummaa Itiyoo-Kuubaa waliin mari’ateera.Marii kanaanis hariiroo gam-lamee Itiyoophiyaafi Kuubaa fi tumsa damee hedduu, michummaa paarlaamaa akkasumas harii paartii irratti mari’ataniiru.Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Dura Taa’aan Michummaa Itiyoo-Kuubaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloo, Itiyoophiyaan hariiroo gam-lamee cimsuufi babal’isuuf kutannoo qabduun tumsa haaraa uumuuf xiyyeeffannoon ni hojjetti jedhan.Ferdinaand Goonzaalees gamasaaniin, qaamolee hariiroo fi tumsa biyyoota lameenii keessatti qooda isaanii bahatan galateeffachuun tumsi kun cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.