Finfinnee, Fulbaana 4, 2018(FMC)- Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaan dorgommiin xumuraa fiigicha meetira kuma 10 dhiirotaa guyyaa har’aa ni gaggeeffama.Dorgommichi sa’aatii 9:30’tti kan eegalu yoo ta’u Atileetonni Itiyoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa, Barrihuu Aragaawwiifi Salamoon Baaraggaan ni hirmaatu.Gama biraan sa’aatii 9:05 irratti fiigichi walakkaa xumuraa meetira 1500 dubartootaa kan dorgomamu yoo ta’u dorgommii kanarratti Fireewayin Hayiluun ni hirmaatti.Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Kanaan Atileet Tigist Asaffaan fiigicha maaraatoonii dubartootaan meedaaliyaa Meetii, Atileet Gudaaf Tsaggaayee ammoo fiigicha dubartootaa meetira kuma 10’n meedaaliyaa Nahaasa Itiyoophiyaaf argamsiisaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.