Tajaajila si’ataa kennuuf hojimaata haaraa qabannee dhufneerra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Waggaa haaraatti tajaajila si’ataa deddeebii hawaasaa hir’isu qabannee dhufneerra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Tajaajila Giddugala Tokkoo Addis-Masoob hojii eegalchiisuu isaanii Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.Tajaajilli iddoo tokkoo kun kennaa haaraa jala bultii bara haaraa irratti uummata magaalaa Finfinneef kan kenname ta’uu himaniiru.Dhaabbile 13 keessatti tajaajilawwan 107 kan kennu giddugalli Masoob deddeebii uummataa hir’isuun tajaajila saffisaa dhiyeessuu kan dandeessisuudha.Bara haaraatti jabinaa fi cichoomina guddaan tajaajiluuf qophoofneerra jechuu isaaniis Biiroon Kominikeeshinii Magaalichaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.