Rayyaan Ittisa Biyyaa bara haaraatti hojiilee nageenya cimsuu jabeessee itti fufa- Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan Rayyaan Ittisa Biyyaa bara haaraatti hojiilee nageenya cimsuu jabeessee itti fufa jedhan.Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniin, uummata Itiyoophiyaa maraafi miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa biyya keessaafi alatti dirqamarra jiraniin baga geessan jedhaniiru.Barri 2017 bara itti raayyichi ergama isaa injifannoon bahate waan ta’eef haalli nageenyaa fooyya’aan kan itti argame ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.Barri 2018 bara hojiileen eegalaman itti xumuraman fi garaagarummaan karaa nagaan hiikamuun biyyi keenya gara nagaa guutuutti ceetu haa ta’u jechuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.