Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Pireezidaantoonni naannolee Itiyoohiyaa adda addaa eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.Hidhichi seenaa hiyyummaa haquun boqonnaa haara imala badhaadhinaa kan itti eegalluudha jedhan Pireezidaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan.Bu’aa ba’ii heddu booda firiin Itiyoohiyaanootaa kan itti milkaa’e injifannoo seenaa addaa ta’uu dubbatan.Itiyoophiyaanoonni Dhiibbaa dippiloomaasii dandamachuun Bishaan gara ibsaatti jijjiiraniiru jedhan Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leeddamoon ergaa dabarsaniin.Mallattoo tokkummaa, cichoominaa fi jalqabbii bayyanannaati jedhan.Seenessa hindanda’amuu kan jijjiire carraaqqii, dhiiga, dafaqaa fi qabeenya Itiyoophiyaanoota hundaa ta’uu kaasan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.