Daandiin xiyyaaraa Itiyoophiyaa dhaabbata nageenyaaf dursa kennuu dha – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Amajjii 2, 2018(FMC) – Daandiin Xiyyaaraa Itiyoophiyaa dhaabbata nageenyaaf dursa kennu ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu har’a wayita jalqabsiisan akka dubbatanitti, Daandiin Xiyyaaraa kun waggoota kurnan darban bu’aa nageenyi isaa eegamaa dha isa jechisiisu galmeessisuu danda’eera.Namoonnii fi gareewwan kalaqaa fi ciminaan hojjetanii fi ga’umsa hoggansaa idil addunyaatti of sirressaa deeman waggoota kurnan darbanitti dhaabbaticha hogganuu danda’uus eeraniiru,Hojjetoonni Daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaa loltoota Ministeera Ittisa Biyyaa irraa adda ba’anii akka hin ilaalamne kan dubbatan Dooktar Abiy, Alaabaa guyyaa hundaa qabatan kabajanii, kabaja lammiilee hundaaf cimina olaanaan kan tajaajilan ta’uus ibsaniiru.Hojjettoota dhaabbii fi kan yeroo kuma 26 ta’u akka qabus eeraniiru.Dhaabbatichi yeroo mara barata, Xiyyaarri tekinooloojiifi beekumsi haaraan yoo uumamu, beekumsa sana argachuuf fayyaarichas Afrikaatti beeksisuuf hunda dursee akka argamus ibsan.Bu’aan damee barnootaa fi suphinsaan galmeessises guddaa ta’uu eeranii, yeroo dhiyoo asi meshaalee jijjiirraa oomishuuf hojii eegaluus dubbataniiru.Adimaasuu Arraagaawu#Oromia #Ethiopia