Baatiwwan torban darban daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5.91cargame – Dooktar Kaasahuun Goofee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) – Baatiwwan torban darban daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5.91cargame jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen.Dooktar Kaasahuun Goofeen raawwii hanga ammaa fi kallattii yeroo itti aanuu daldala alaa bara 2018 ilaalchisee ergitoota waliin mari’ataniiru.Ergitoonni oomisha yeroon gabaaf dhiyeessuu akka qaban hubachiisan Dooktar Kaasahuun Goofeen.Bara baajataa kana daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5.91 argamuu ibsan.Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame % 65 daballii qabaachuu kaasan.Yeroo itti aanu oomishaalee Itiyoophiyaa gabaa addunyaarratti haalaan beeksisuuf ni hojjetama jedhan.Malaakuu Gaddifti gabaase#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.