Taphoota Waancaa FA’n har’a taphoonni sadii ni taphatamu

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) –Taphoota Waancaa FA Ingiliiz marsaa 5ffaan har’a taphoonni sadii ni taphatamu.Haaluma kanaan Niwuukaasiil Yuunaayitiid Maanchister Siitii waliin, Arsenaal Maanisfiildi Taawon waliin akkasumas Cheelsiin Kaareeksaam waliin ni taphatu.Maanchister Siitiin dirree isaan ala Istaadiyeemii Seenti Jemsi Paarkitti imaluun halkan sa’aatii 5:00 irratti ni taphata.Gareen lameen bara kana qofa yeroo 5ffaaf kan wal argan yoo ta’u, dhiheenya Waancaa Kaaraabaa’oon sagantaa nuusa xumuraan Maanchister Siitiin dhaqa gala injifachuun xumuraaf gahuun ni yaadatama.Waancaa arfaniif falmaa kan jiru Siitiin nuusa xumuraatti makamuuf falmii taasisuuf Niwuukaasil qormaata cimaa itti ta’a.Akkasumas waancaa arfaniif falmataa kan jiru Arsenaalis Sa’aatii hara guyyyaa sa’aatii 9:15 irratti Maansifiildi Taawon waliin ni taphata.Cheelsiin gamasaatiin galgala sa’aatii 2 : 45 irratti nuusa xumuraaf darbuuf Kaareekisaam waliin ni morkata.Abeel Niwaayiin.#Oromia #Ethiopia