Sagantaan Ifxaraa guddaan daandirraa Magaalaa Finfinnee gaggeeffame xumurame – Poolisii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) –  Sagantaan Ifxaraa guddaan daandirraa marsaa 6ffaan Magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffame milkiin xumure jedhe Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee.Durreewwan Amantaa, Hoggantoonni mootummaa, Ambaasaaddaroonni, Dippiloomaatoonnii fi hordoftoonni Amnataa Islaamaa saganticharratti argamaniiru.Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan,Baatii Ramadaanaa keessa harka qalleeyyii, godaantotaa fi namoota rakkoo keessa jiraniif deeggarsa taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.Sagantichi milkiin xumuramuun daandileen cufamanii turan tajaajila Tiraafikaaf banaa ta’uu Qajeelchi Waliigalaa Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibseera.Sagantaan mata duree ‘Najjaashii Biyyaaf’ jedhuun gaggeeffame kun milkiin akka xumuramu qaamolee qooda qaban hunda galateeffateera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.