Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) – Baatii Ramadaanaa keessa harka qalleeyyii, godaantotaa fi namoota rakkoo keessa jiraniif deeggarsa taasisuun barbaachisaadha jedhan Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan.Sagantaan Ifxaraa guddaan daandirraa Magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffameera.Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan,Baatii Ramadaanaa keessa harka qalleeyyii, godaantotaa fi namoota rakkoo keessa jiraniif deeggarsa taasisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.Hoggantoonni mootummaa, Ambaasaaddaroonni, Dippiloomaatoonnii fi hordoftoonni Amnataa Islaamaa saganticharratti argamaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.