Galmeen filattootaa filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeeffamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) – Galmeen filattootaa filannoo waliigalaa 7ffaa naannoleetti gaggeeffamaa jira.Har’a galmeen filattootaa naannoo Oromiyaa, Beenishaanguul Gumuz, Afaar, Finfinnee fi naannolee birootti ifatti eegaleera.Galmeen filattootaa kun Godinaalee fi Magaaloota Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jira.Filattoonni buufataalee filannootti argamuun galmaa’aa jiru.Galmeen filattootaa har’aa eegalee baatii tokkoof ni gaggeeffama.Paartilee Siyaasaa galmaa’an 47 irraa kaadhimamtoonni kuma 10 fi 934 filannoo irratti dorgomuuf dhiyaachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksisee ture.Kaadhimamtoonni kumni 2 fi 98 Mana Maree Bakka Bu’ootaaf kan dorgoman yo ta’uu, kumni 8 fi 236 ammoo bakka bu’oota naannooleef dorgomu.Filannoon bu’uura mootummaa dimokiraatawaa ijaaruu fi mootummaa uummataan fudhatama qabu dhugoomsuuf gahee olaanaa qaba.Mootummaa, paartileen siyaasaa fi uummanni bal’aan filannoon nagaa, bilisaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf qooda isaanii bahachaa jiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.