Sagantaa Ifxaraa boru Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamu sababeeffachuun daandiiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaman ifooman

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 27, 2018 (FMC) – Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee sagantaa Ifxaraa boru Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamu sababeeffachuun daandiiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaman ifoomseera.Haaluma Kanaan:- Daandiin Magganaanyaa irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu Bataskaana Qulqulluu Uraa’el irratti, Daandiin Walloo Safariin gara Addabaabaayii Masqalaa geessu Olompiyaa irratti, Daandiin Gootaraa irraa Addabaabaayii Masqalaa geessu konkolaattota gurguddaaf Sinimaa Agoonaa irratti; konkolaattota biroof ammoo Addabaabaayii Xilaahuun irratti, Daandiin Xoor Hayiloochii irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu naannawaa ‘Kibbuu Baanki’ jedhamuun beekamutti, Daandiin Birbirsa Gooroon karaa Baaroo Kormaan gara Addabaabaayii Masqalaa geessu Ibsaa Harraambee irratti, Daandiin Daalattii ( Araat Kiiloo) irraa karaa Ministeera Dhimma Alaan Addabaabaayii Masqalaa geessu daandii qaxxaamuraa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa irratti, Naannawaa Awwaaree irraa Kaazaanchisiin gara Addabaabaayii Masqalaa geessu naannoo Interkontiinentaaliitti sa’aatii 5:00 irraa eegalee hanga sagantichi xumuramutti kan cufaman ta’uu ibseera.Daandiiwwan kanneen irra yeroo gabaabaafis ta’ee sa’aatii dheeraaf konkolaattota dhaabanii adeemuun dhorkaa ta’uus hubachiiseera.Lammiileen wantoota tasgabbiif yaaddoo ta’an wayita argan karaa toorawwan bilbilaa bilisaa 990, 991, 987, 816 akkasumas 011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 dabalataanis appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee (EFPApp) fayyadamuun eeruu akka kennan waamicha dhiyeesseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.