Finfinnee, Guraandhala 28, 2018(FMC) – Godambaan Raayyaa Itiyoophiyaa dhaloota biyya ijaaruuf qophaa’aa ta’e uumuuf gargaara jedhan Daarekterii Bulchiinsa Godambaa Raayyaa fi Qorannoo Hambaalee Meejer Jeneraal Xiruyyee Asaffee.Meejer Jeneraal Xiruyyeen akka dubbatanitti, Godambaan Raayyaa Itiyoophiyaa seenaa loltummaa fi hambaalee bara mootummaa Aksuum irraa eegalee hanga har’aatti jiran kan ofkeessatti qabatee dha.Jijjiiramaan booda mootummaan kutannoo seenaa fi hambaaleef qabuun Godambaan kun bifa ammayyaan haaraa ta’ee ijaaramuu fi gootummaa Raayyichaa kan argisiisu ta’uu eeraniiru.Godambichi meeshaalee waraanaa yeroo waraana Adwaamgoitonni Abbootiin keenya ityi fayyadamanfi ragaalee aarsaa daangaa biyyaa kabajchiisuuf kaffalan kan of keessaa qabuu dha jechuunis ibsan.Godambaan kun ijaaramuun dhaloonni seenaa biyyaa karaa salphaan akka hubatu kan gargaaru ta’uu dubbatanii, Itiyoophiyaan seenaa ishee junda keessatti walabummaa ishee qabatamaan kabajchiisuu ishee ifatti kan argisiisu ta’uu ibsan.Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa guyyaa kaleessaa Godambaa Raayyaa Itiyoophiyaa dhiyeenya eebbifame kana daawwachuun isaanii ni yaadatama. #Oromia #Ethiopia