Waaliyaawwan har’a gita isaanii Giinii Bisaw waliin taphatu

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Addunyaa gita isaa Giinii Bisaw waliin taphata.Waaliyaawwan taphichaaf Ruwaandaa magaalaa Kiigaaliitti shaakala taasisaa kan turan yoo ta’u, har’a waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Amahoorootti taphatu.Gareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gulaallii waancaa Addunyaa bara 2026’f taphoota hanga ammaatti taphate 8 keessas 1 qofa injifachuun 3 qixa bahuun, 4 injifatamuun qabxii 6 walitti qabateera.Ijipti qabxii 20 sadarkaa 1ffaa, Burkiinaafaasoon qabxii 15 sadarkaa 2ffaa fi Seeraliyoon qabxii 12 sadarkaa 3ffaa yoo qabatan, Itiyoophiyaan qabxii 6 walitti qabachuun sadarkaa 5ffaarratti argamti.#Oromia #Ethiopia