Hawaasa seera taaksiif bitamu uumuuf hojmaata qindaa’aa cimsuun barbaachisaadha- Ministeera Galiiwwanii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC)- Ministirri Ministeera Galiiwwan Aadde Ayinaalem Niguseen badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hawaasa seera taaksiif bitamu uumuuf hojmaata qindaa’aa cimsuun barbaachisaadha jedhan.Ministeerri Galiiwwanii damee galii biyyaalessaafi qaamolee qooda fudhattootaa federaalaa, naannoleefi bulchiinsota magaalaa ijoo ta’an waliin marii gaggeessaa jira.Aadde Ayinaalem Nigusee wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyan diinagdee guddachaa jiru ijaaraa kan jirtu haa ta’uyyuu malee gama galii sassaabuun hojiileen hafan jiru.Sirna sassaabbii galii ammayyeessuufi kaffaltoota gibiraaf tajaajila si’ataa kennuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.Hawaasa seera taaksiif bitamu uumuufi hojii riifoormii galii cimsuuf caalmaatti hojjechuun akka barbaachisuu fi dhaabbileen galii daldala seeraan alaa irratti hordoffii taasisuun qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.Sirna bulchiinsa taaksii haqa qabeessa diriirsuuf haala taaksii murteessuufi hojiilee biroo fooyyessuuf hojiilee hariiroo uummataa cimsanii itti fufuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.Akkaataan kaffaltii taaksii fooyya’aa haa jiraatuyyuu malee ammas taaksii miliqsuufi hojiileen seeraan alaa jiraachuu eeruun, hojimaata badaa irratti qabsaa’uun damee galii haala bu’aa qabeessa ta’een hogganuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.Sirna bulchiinsa taaksii hanga caasaa gadiitti dijiitaalessuun, ijaarsa humna namaafi dhaabbataa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.