Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC) – Guyyaan maanguddootaa idil-addunyyaa sadarkaa Oromiyaatti magaalaa Maayaatti kabajameera.Sirna kabajaa kana irratti kan argaman Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa obbo Araarsoo Biqilaan, maanguddoonii muxxannoo qabaniin dhaloota qaruun, nageenya buusuu fi araaraaf tumsuun biyya guddisuu keessatti ga’ee guddaa akka qaban kaasan.Kanaafis oolmaa biyyaaf oolaniif kabajaa fi kunuunsatu malaaf jedhan.Pireezidaantii Itti aanaan Waldaa Maanguddootaa Oromiyaa obbo Guutamaa Dagguu gamaa isaaniin fayyadamummaa maanguddootaa guddisuuf xiyyeeffanaan guddaan kennamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.Guyyaan maanguddootaa idil addunyyaa sadarkaa Itiyoophiyaatti yeroo yeroo 34ffaaf, sadarkaa naannoo Oromiyaatti ammoo yaroo 23ffaaf kabajamaa jira.Yaasiin Shamsuddintu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.