Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuuf ijaarsa bu’uuraalee misooma Baaburaa babal’isaa jirti – Dooktar Alamuu Simee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuuf ijaarsa bu’uuraalee misooma Baaburaa babal’isaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.Walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu fi oomishaalee al ergii fi alaa galu imalchiisuuf ijaarsa bu’uuraalee misooma Baaburaa babal’isaa jirti jedhan.Paarkii Indaastirii AMG daandii Baaburaa guddicha Itiyoo Jiibuutiin walitti hidhuuf har’a ijaarsi Hadiida Baaburaa eegalameera.Itiyoophiyaan waliigaltee Daldala Bilisaa naannawaa hojiitti hiikuu eegaluu dubbatan Dooktar Alamuu Simeen saganticharratti ergaa dabarsaniin.Walitti hidhamiinsi naannawaa bu’uuraalee misoomaa malee hin yaadamu jedhan.Kanaaf ijaarsa bu’uuraalee misooma Daandii Baaburaaf xiyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jechuun eeran.Ijaarsi Daandii Baaburaa har’a eegalame guutumaan guutuutti humna biyya keessaan kan raawwatamuudha jedhan.Waldaan Aksiyoonaa Geejjiba Baaburaa Itiyoo Jiibuutii tajaajila loojistiksii kennu dabalataan daandiwwan saffisaa ijaaruun bu’uuraalee misoomaa babal’isuuf hojjetaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Waldichaa Injinar Taakkalaa uumuun dubbataniiru.Ijaarsa daandii kana baatiwwan jaha keessatti xumuruuf karoorfamuu dubbachuu TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.