Instiitiyuutichi Gargaaraa Abbaa Seeraafi kaadhimamtoota Abbootii Alangaa 198 eebbisiise

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC)- Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Gargaaraa Abbaa Seeraafi kaadhimamtoota Abbootii Alangaa 198 eebbisiiseera.Daayrektarri Inistiitiyuutichaa aadde Addunyaa Ahimad sagantaa eebbaa kanarratti haasawa taasisaniin, eebbifamtoonni ogummaa argataniin tajaajila haqa qabeessa akka kennan dhaaman.Eebbifamtoonni mirga lammiilee eegsisuufi tajaajila haqaa si’ataafi qulqullina qabu kennuun uummata tajaajiluu akka qabanis hubachiisaniiru.Pirezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaa Simal gama isaaniin, haqa mirkaneessuun amantummaa uummataa mirkaneessuu waan ta’eef, eebbifamtoonni sirna haqaa cimaa ijaaruu qabdu jedhan.Sirna haqaan tajaajila si’ataafi qulqullina qabu mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.Teeknoolojjiitti fayyadaamuun tajaajila gahaa uummata qaqqabsiisuuf hojjechuu qabnas jedhan.Faxxanaa Zawudeetu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.