Finfinnee, Fulbaana 29, 2018 (FMC) – Naannawaan daldala bilisaa Afrikaa Itiyoophiyaatti eegaluun tarkaanfii mootummaa waadaa gochatti jijjiiruu kan mul’isedha jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Itti gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasiifi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.Obbo Adam Faaraah sagantaa eegalchiisa gabaa naannawa daldala bilisaa Afrikaa irratti akka jedhanitti, gabaan kun Afrikaanotaaf carraa daldalaa bal’aa kan fidu akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa invastarootaa kan cimsudha.Itiyoophiyaan gabaa kana eegaluun gahee seena qabeessa ardichatti qabdu damee daldalaanis dabaluu ibsan.Gabaan kun eegalamuu ilaalchisee foon, kuduraa fi muduraan akkasumas bunni, oomishaaleen dheedhii fi midhaan zayitaa kaargoo Daandii Qileensaa Itiyoophiyaa fi geejjiba lafarraan gara Keeniyaa, Somaaliyaa fi Afrikaa Kibbaatti ergamaniiru.Sagantaa kana irratti Ministira Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi Ministira Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamaniiru.Qiddist Abaateetu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.