Dooktar Abiy Ahimad tarsiimoo dijiitaalaa 2030 eegalchiisan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 30, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Awutoomeeshinii fayyadamuun kenniinsa tajaajilaa kan cimsu tarsiimoo dijiitaalaa 2030 eegalchiisneerra jedhan.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, teeknooloojii ammayyeessuurratti kan xiyyeeffatu tarsiimoon dijiitaalaa 2025 milkaa’inaan xumuramuu hordofee amma haala fooyya’aan galtee maashinii( Awutoomeeshinii) fayyadamuun kenniinsa tajaajilaa kan cimsu dijiitaal 2030 eegalchiisneerra jedhan.Waliingahiinsi haqaa dhimmoota lammiileef barbaachisoo ta’an keessaa tokko ta’uu kaasanii, Manni Murtii Olaanaan Federaalaa sirna si’ataa, Iftoomina qabuufi bu’aa qabeessa ta’e ijaaruuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.Guyyaa har’aa adeemsi kenniinsa murtii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa haalaan waraabamuu isaa mirkaneessuuf sirna Mana Murtii Ismaarti sagalee gara barreeffamaatti jijjiiruufi haala amansiisaan kan itti kaa’amu misoomee arguu kootti gammadeera jedhan.Sirnichi namoonni haqa barbaadan gara Finfinnee qaamaan dhufuun osoo irraa hin eegamiin bakkuma jiran taa’aanii dhimma isaanii hordofuu kan dandeessisu ta’uus eeran.Dabalataanis sirnoonni “Network Operation Center” fi “Integrated Case Management System” jedhaman abbootiin dhimmaa bu’uuraalee dijiitaalaan dhimma isaanii kan ittiin hordofan ta’uu ibsaniiru.Yeroo ammaa dameewwan federaalaa 24 sirnichaan hammatamuu fi yeroo dhiyoottis gara naannoleetti kan babal’ifamu ta’uu yaadachiisaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.