Mootummaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjechaa jira – Dooktar Tolaa Bariisoo

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 30, 2018(FMC) – Manni Barumsaa Xiijoo sadarkaa 2ffaa godina Arsii aanaa Digaluufi Xiijootti Birrii miiliyoona 38 oliin ijaarame eebbifameera.Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, Ambasaaddar Shifarraa Jaarsoo dabalatee hoggantootni olaanoon sadarkaa garagaraa, abbootiin gadaa, haadholiin siinqee, qooda fudhattootni barnootaafi kutaaleen hawaasaa saganticharratti argamaniiru.Mootummaan gaafilee hawaasaaf deebii kennuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjechaa jira jedhan Dooktar Tolaan saganticharratti haasawa taasisaniin.Barattoota cicciimoo beekumsaafi dandeettiin dorgomaa ta’an horachuuf sirni deeggarsaafi hordoffii cimaan taasifamaa akka jiru eeran.Manni barumsaa kun deeggarsa dhaabbata miti mootummaa ‘Menschen for Menshen’jedhamuun ijaarame.Dhaabbatichi akka biyyaatti manneen barnoota 480,akka Oromiyaatti immoo manneen barnootaa 300 ijaaruun barattoota kuma 500 ol carraa barnootaa akka argatan gumaachuu himame.Abdallaa Amaantu gabaase.#Oromia #Ethiopia