Finfinnee, Fulbaana 30, 2018(FMC) – Konkolaattonni gaazii uumamaa fayyadaman qaraxa Gumrukaarraa bilisaan akka galan mootummaan eeyyame jedhe Ministeerri Maallaqaa.Itiyoophiyaan kuufama gaazii uumamaa olaanaa qabaattus barootaaf osoo itti hin fayyadamiin turuu Ministeerichi ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen himeera.Gaazii uumamaa kana hojiirra oolchuuf tattaaffii cimaa mootummaan taasiseen Warshaan Gaazii uumamaa eebifamuun oomisha eegaluu ibseera.Oomishaalee kanneen gabaa biyya keessaaf dhiyeessuun Konkolaattota Gaazii uumamaa fayyadaman babal’isuun barbaachisaa ta’uu eereera.Sharafa alaa boba’aaf bahu hir’isuuf jecha mootummaan itti fayyadama gaazii uumamaa jajjabeesuuf murteesseera jedhe.Haaluma kanaan guyyaa qajeelfamni kun bahee eegalee Konkolaattoonni gaazii uumamaa fayyadaman kamiiyyuu Qaraxa Gumrukaarraa bilisaan akka galan eeyyamamuu ibseera.#Oromia #Ethiopia