Guyyaan Alaabaa Onkoloolessa 3, 2018 kabajama

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2018(FMC)- Guyyaan Alaabaa Wiixata dhufu Onkoloolessa 3, 2018 kabajama.Guyyichi mata duree “Alaabaan Keenya bara misiraachoo olka’iinsa Itiyoophiyaa, tokkummaa biyyaalessaa keenyaaf, birmadummaafi haaromsa Itiyoophiyaaf” jedhuun akka kabajamu Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa ibseera.Manni Marichaa ibsa baaseen Alaabaan mallattoo birmadummaa mootummaafi biyya tokkoo, aangoo siyaasaa, bilisummaa, guddinaafi hariiroo hawaasummaa ta’uu eereera.Alaabaan Itiyoophiyaa tokkoon tokkoo onnee Itiyoophiyaanotaa keessatti kan caapheffamee fi ibsituu tokkummaafi bilisummaa biyyaalessaa ta’uus ibseera.Gootonni abbootii darban weerartoota injifachuun mallattoo bilisummaa uummata gurraachaa hundaa kan ta’e Alaabaaf wareegama lubbuu kaffaluun dhaloota har’aaf dhaalchisuu kaasuun, kana bu’uura godhachuun Alaabaan sadarkaa biyyaalessaatti bakki kennameefii kan kabajamu ayyaana biyyaalessaa guddhaadha jedhe.Alaabaa biyyattiif kabaja barbaachisaa kennuun dhaloota egereetti dabarsuuf birmadummaa biyyaalessaafi tokkummaa bulchiinsaa itti fufsiisuun, obbolummaa sabdaneessummaa cimsuun fi guddina biyyattii mirkaneessuun dhaloota har’aarraa kan eegamu ta’uu hubachiiseera.Guyyaan Alaabaa biyyaalessaa bu’uura labsii, labsii lakkoofsa 863/2006 keeyyata 2’n wagga waggaan baatiin Onkoloolessaa seenee torban jalqabaa keessa kabajama.Bara kanas yeroo 18ffaaf qajeeltoowwan Alaabaan walsimsiisuun fi mariiwwan bara misiraachoo olka’iinsaafi bayyanachuu Itiyoophiyaa mirkaneessaniin dabaalamee hoggantummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan guutuu biyyattiitti kan kabajamu ta’uu yaadachiiseera.Guyyichi Dhaabbilee Mootummaa Federaalaa, Naannoleefi Bulchiinsa Magaalotaa Lameen, Kaampiiwwan Raayyaa Ittisaa, akkasumas Embaasiiwwaniifi Miisiyooniiwwan Itiyoophiyaa keessatti sa’aatii walfakkaataa 4:30 irratti Alaabaa yaabbisuun, Alaabaa fuulduratti waadaa galuun fi qophiilee garaagaraan kan kabajamu ta’uu hubachiiseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.