Tajaajila manneen murtii teeknooloojiin deeggaruuf hojjetamaa jira- Obbo Taaggasaa Caafoo

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2018(FMC)- Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoo tajaajila manneen murtii si’ataa taasisuufi teeknooloojiin deeggaruuf kutannoon hojjetamaa jira jedhan.Sagantaan jalqabsiisa dhaddachaa bara baajataa 2018 Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa gaggeeffameera.Saganticharratti obbo Taaggasaa Caafoo akka jedhanitti, qaamoleen seera hiiktuu hojiilee isaanii walabummaafi bilisummaan akka hojjetaniif hojjetamaa jira.Fooyya’iinsi hojmaata seeraa, bu’uuraalee misoomaa iddoo hojii mijataa uumuuf dandeessisan babal’isuu, tajaajiloota teeknooloojiin deeggaruuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.Hojiileen tajaajila teeknooloojiin deeggaruu sadarkaa federaalaatti eegalaman sadarkaa hundatti akka babal’ataniif waloon ni hojjenna jedhaniiru.Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Teewoodiroos Mihirat gama isaaniin, hojii bilisummaafi walabummaa abbaa seerummaa cimsuu, tajaajila si’eessuufi ammayyeessuuf hojjetameen bu’aa qabatamaan argamuu eeran.Bara baajataa kanatti hojiin tajaajila teeknooloojiin ammayyeessuu, hojmaata haaraa hojiirra oolchuufi hammattoowwan seeraa fooyyessuu kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru jechuun TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.