Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC)- Sirni to’annoo odeeffannoo konistiraakshinii iftoominaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf gargaaru ifoomeera.Sirnichi inisheetiivii ce’umsa indaastirii konistiraakshinii biyyaalessaa Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee misoomaa hojiirra oolche bu’uura godhachuun qophaa’uu ibsameera.Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii sagantaa kanarratti akka jedhanitti, sirni kun qulqullina tajaajilaa damee konistiraakshinii eegsisuufi damicha ammayyeessuuf gahee olaanaa bahata.Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Konistiaakshinii Itiyoophiyaa Dooktar Masfin Nagawoo gama isaaniin, sirni to’annoo odeeffannoo konistiraakshinii kun sirni odeeffannoo nageenyummaan isaa eegame akka jiraatuuf gargaara jedhan.Sirni kun waliin ta’iinsa Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa, Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Itiyoophiyaafi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Itiyoophiyaan misoomuun eerameera.Sirnichi dhaabbileefi qooda fudhattoota damee konistiraakshinii jala jiran kuma 26 ol kan hammatu yoo ta’u, iftoominaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uun ibsameera.Qooda dameen konistiraakshinii ‘GDP’ keessatti qabu %20 irraa gara %24 kan guddisu ta’uunis himameera.Alamsaggad Asaayyeetu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.