Itiyoophiyaan waliigaltee Naannawaa Daldalaa Bilisaa Afrikaa hojiirra oolchuuf qophii Xumurte

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan waliigaltee Naannawaa Daldalaa Bilisaa Afrikaa hojiirra oolchuuf qophii Xumurteetti jedhe Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa.Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Yaasmiin Wahaabirabbiin hojiirra oolmaan waliigaltichaa Itiyoophiyaaf faayidaa diinagdee guddaa qabaachuu ibsaniiru.Sagantaan bittaafi gurgurtaas Fulbaana 29,2018 kan eegalu yoo ta’u, Kaargoo Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaan Foon fi Kuduraafi Muduraan geejjiba lafarraan ammoo Bunni, oomishaaleen midhaan dheedhiifi midhaan zayitaa gara Keeniyaa, Somaaliyaafi Afrikaa Kibbaatti kan ergaman ta’uun eerameera.Waliigaltichi dorgomtummaa daldalaa guddisuufi biyyoota Afrikaa gidduutti walitti hidhamiinsa gabaa babal’isuu kan dandeessisu ta’uunis ibsameera.Beeteliheem Makuwaanintitu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.