Finfinnee, Fulbaana 27, 2018 FMC) – Manni Maree Federeeshinii dhimmoota 13 irratti hiikni heera mootummaa akka itti kennamu murtoo dabarseera.Yaa’iin Qulqulleessituu Heera Mootummaa Mana Marichaa dhimmoota hiikkaa heera mootummaatu isaan barbaachisaa fi hiikni isaan hiinbarbaachisu jedhamuun dhiyaatan ilaalchisuun yaadota murtoo Koreen Dhaabbii Hiikkaa Heera Motummaa fi Hordoffii Raawwii qoratee dhiyeesse irratti mari’achuun murtoo dabarseera.Haaluma kanaan yaadota murtii Manni Marichaa dhimmoota 13 irratti dhiyeese Koreen Dhaabbii qoratee Mana Marichaaf kan dhiyeesse yoo ta’u, yaa’iichis irratti mari’atee yaada murtoo koree dhaabbiin dhiyaate sagalee guutuun deggeree raggaasiseera.Dabalataanis murtoowwan Yaa’iin Qulqulleessituu Dhimmoota Heera Mootummaa hiikni Heera Mootummaa hinbarbaachisu jechuun dabarse komachuun dhimmoota oliyyannoodhaan Mana Marichaaf dhiyaatan 92 koreen dhaabbii gadi fageenyaan qoratee Murtoon Heera Mootummaa isaan hinbarbaachisu jechuun yaada murtoo dhiyeesseera.Manni Marichaas yaada murtoo Koree Dhaabbii irratti mari’achuun sagalee guutuun deggeree raggaasiseera.Dhumarrattis , Yaa’iin idilee 1ffaa waggaa 5ffaa bara hojii 6ffaa Mana Maree Federeeshinii FDRI xumuramuu isaa odeeffannoon Mana Maree Federeeshinii irraa argame ni mul’isa.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.