Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Rippaablika Saayipiras Dooktar Koonistaantiinoos Koomboosii fi jila isaaniin durfamu waliin mari’ataniiru.Turtii Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti taasifne xumuruun gara Finfinneetti erga deebinee jilicha waliin dhimmoota waloorratti mari’anneerra jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.Biyyoonni lamaan hariiroo dippiloomaasii, diinagdee fi siyaasaa caalmatti cimsuuf fedhii qabaachuu kaasan.Dhimmoota kaayyoowwan keenyaa caalmaatti guddisanirratti marii bal’aa goonerra jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.