Finfinnee, Fulbaana 30, 2018(FMC)- Kaabineen Dhimma Nageenyaa Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa marsaa jalqabaa sagalee caalmaan raggaasiseera.Wajjiirri Ministira Muummee Beeniyaamiin Niitaaniyaahuu akka beeksisetti, waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampiin dhiyaate lammiilee Israa’el ugguraman kan gadi lakkisiisuufi nageenya waaraa ni fida jedhamee itti amanameera.Bu’uura waliigaltichaan Israa’el kutaa Gaazaa %53 ta’u keessaa loltoota ishee kan baastu yoo ta’u, Hamaas ammoo lammiilee Israa’el uggure 20 sa’aatii 72 keessatti gadi lakkisa.Dabalataan Israa’el hidhamtoota 250 fi namoota duula Gaazaan to’atte kuma 1 fi 700 ol kan gadi lakkistu ta’uu BBC’n gabaaseera.Anga’aa olaanaan Hamaas Kaaliil Al-Haayaan gama isaaniin, waliigalteen dhukaasa dhaabuu pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi dhiyeessan nageenya waaraa kan fidu ta’uu ibsaniiru.Garechi waliigaltee kanaaf deebii ariifachiisaa kennuu kaasanii, walgaltichi rakkoo tokko malee hojiirra akka ooluuf Waashingitan irraa waan amansiisaa arganneerra jedhan.Waliigalticha hojiirra oolchuuf Hamaas humnoota Gaazaa keessa socho’an biroo waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.Waliigaltee kana hordofee Mootummoonni Gamtoomanii nyaata, qorichaafi boba’aa gara Gaazaatti geejjibsiisuuf qophii ta’uunis ibsameera.Miikiyaas Ayyalaan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.