Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC)- Bulchiinsi magaalaa Shaggar Manneen barnootaafi barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessisaniif beekamtii kenneera.Bulchiinsi magaalichaa manneen barnootaa mootummaafi dhuunfaa akkasumas barattoota qabxii 500 ol galmeessisaniif beekamtii kana kan kenne.Hogganaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Shaggar obbo Firakiyyaa Kaasaahun Faanaa Miidiyaa Korporeeshinitti akka himanitti, manneen barnootaa mootummaafi dhuunfaa barattoota bu’aa qabeeyyii akka oomishaniif hojiin deeggaruu hojjetamaa jira.Haaluma Kanaan barattoota bara barnootaa 2017’tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii 500 ol fidaniif badhaasni meedaaliyaafi maallaqaa kennameera.Barattoota 57’f badhaasni meedaaliyaa kan kenname yoo ta’u, barattoota qabxii olaanaa galmeessisan 6’f badhaasni maallaqaas dabalataan kennameera.Bara barnootaa 2018 manneen barnootaafi barattoota qabxii olaanaa galmeessisaniif beekmtii fooyya’aan kan kennamu ta’uu obbo Firakiyyaa Kaasaahun ibsaniiru.Taarik Addunyaatu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.