Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii Lakkoofsa Gabatee Konkolaataa haaraa ifoomeera.Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen dhimmicha ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.Gosoonnii fi mallattooleen Lakkoofsa Gabatee Konkolaataa haaraan akkaataa qajeelfama kenniinsa tajaajilaa fi murtoo lakkoofsa 1015/2017 qophaa’uu Dooktar Alamuun himaniiru.Bu’uura qajeelfamichaan lakkoofsi gabatee Konkolaataa moofaan isa haaraan kan bakka bu’u ta’uu himan.Kana dura haalli oomishaa fi raabsaa lakkoofsa gabatee konkolaataa hanqina qabaachuu dubbatan.Gabateen haaraan kun rakkicha kan furu akka ta’e ibsaniiru.Gabateen haaraan kun ibsituuwwan Itiyoophiyaa kan qabu fi ulaagaa idil addunyaa kan guuttateedha jedhan.Ammaaf gabateewwan kumni 50 agarsiisaaf qophaa’uu ibsan.Hojiin Diijitaalaa xumuramuun adeemsi jijjiiruu yeroo dhiyootti kan eegalamu ta’uus himaniiru.Bara 2018 keessa guutummaatti jijjiiruun xumuruuf qophiin godhamuu dubbatan Dooktar Alamuun.Ashannaafii Shibbiruutu gabaase#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.