Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godinaalee Halaabaa fi Kambaataatti Qa’ee Moodeelaa Baadiyyaa tajaajila tola ooltummaan hojjetaman dabarsan.Qa’eewwan moodeela baadiyyaa hojii tola ooltummaa gannaan hojjetaman dabarsineera jedhan Dookta Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.Qa’eewwan kunneen jireenya qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultootaa fooyyeessuuf tattaaffii godhamaa jiruuf jalqabii abdii namatti horuudha jedhan.Manneen kanneeniif humni /anniinsaan Aduu kan hidhamaniif, baayoo gaaziin kan qaban, Golawwan adda adda, manneen fincaanii, kutaalee tajaajila biroo kan guuttatan ta’uu eeran.Qulqullina mirkaneessuu fi haala jireenyaa fooyyessuuf moorawwan horii hojjetamuufis ibsaniiru.Qa’eewwan Misooma Koriidarii baadiyyaa kunneen qaama abjuu haala jireenya baadiyyaa jijjiiruu ta’uu kaasani.Waggoottan torban darban lammiilee harka qalleeyyii magaalaa keessa jiraataniif manneen jireenyaa hojii tola ooltummaan hojjechuun dhiyeessaa turreerra.Yeroo ammaa kana ammoo Misooma Koriidarii baadiyyaa babal’isuu eegalleera.Namoonni dhuunfaan, dhaabbilee fi hawaasni diyaaspooraa hojiilee kanneen akka tumsanii fi irratti hirmaatan waamicha koon dhiyeessa jedhan.Daawwannaa koo yeroo darbeen hojii manee kennamef fudhachuun hoggantoota humna ofiin yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa Gaara Hambarichoo dachaan hojjechuun xumuraniif galanni koo guddaadha jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.