Finfinnee, Fulbaana 29, 2018 (FMC) – Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Tigist Hamiid yaaliiwwan haleellaa saayibarii Itiyoophiyaa irratti aggaamaman dabalaa dhufeera jedhan.Baatiin Nageenya Saayibarii sadarkaa addunyaatti yeroo 22ffaaf sadarkaa Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 6ffaaf mata duree “Nageenya Saayibarii Bu’uura Dijiitaal Itiyoophiyaaf” jedhuun Onkoloolessa1-30, 2018’tti ni kabajama.Baatii nageenya saayibarii kana ilaalchisuun ibsa kan kennan Tigist Hamiid, yaaliiwwan saayibarii Itiyoophiyaa irratti aggaamaman yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu ibsan.Yaaliiwwan kunneen biyya alaafi keessaa kan aggaamaman ta’uu kaasanii, babal’ina dijiitaalaayizeeshinii hordofee bara 2017’tti haleellaawwan saayibarii kumni 13 fi 496 aggaamamuufi hundi qolatamuu yaadachiisaniiru.Bara kanas haala garaagaraan tajaajila bu’uuraalee misoomaa addaan kutuuf, haleellaawwan weebsaayitii fi tajaajiloota dhaabbilee fi kanneen biroo addaan kutuuf haleellaawwan saayibarii yaalamuu eeraniiru.Lammiin hundi haleellaa kanarraa ofittisuuf dammaqinaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.Baatiin nageenya saayibarii 6ffaan dhimmoota lamarratti xiyyeeffachuu kaasanii, sosochiin tatamsa’iinsa odeeffannoo sobaa to’achuu fi ittisuu irratti kaayyeffate kan gaggeeffamu ta’uus ibsaniiru.Dabalataan sosochiin saaxilamummaa saayibarii dhaabbilee hir’isuuf dandeessisu kan gaggeeffamu ta’uus eeraniiru.Gizaachoo Girmaayeetu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.