Finfinnee, Fulbaana 30, 2018(FMC)- Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen bakka buutuu olaantuu Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa Kaajaa Kaalaas waliin mari’ataniiru.Marii isaaniin haala hariiroo Itiyoophiyaafi Gamtichaa cimsuun danda’amu akkasumas dhimmoota dam-hedduu irratti mari’ataniiru.Dabalataan haala nageenya naannawaa Gaanfa Afrikaa irratti mari’achuus Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen miidiyaa hawaasummaa isaaniin ifoomsaniiru.Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Fooramii ‘Global Gateway’ Beeljiyeem magaalaa Biraasalsitti gaggeeffamaa jiru cinaatti mariiwwan gam-lamee gaggeessaa jiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.