Finfinnee, Fulbaana 30, 2018(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godinaalee Hadiyyaafi Silxeetti qe’eewwan moodela baadiyyaa ijaaraman dabarsinee kennineerra jedhan.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaa walharkaa fuudhiinsa qe’eewwan moodela baadiyyaa Godinaalee Halaabaafi Kambaataa itti fufuun guyyaa har’aa Godinaalee Hadiyyaafi Silxeetti qe’eewwan moodela baadiyyaa ijaaraman dabarsinee kennineerra jedhan.Manneen jireenyaa abbaa ciisicha sadii kunneen meeshaa baayoogaazii nyaata bilcheessuuf tajaajilu, maddisiisa humna aduu, horsiisa lukkuufi dallaawwan loonii qabaachuu eeruun, gatii madaalawaan galteewwan naannawaa irraa argamaniin manneen jireenyaa fooyya’oo argamsisuun mul’ata badhaadhina hawaasa baadiyyaaf qabnu kan agarsiisudha jechuun ibsaniiru.Akka hawaasaatti yaadonni haaraan wayita maddan ilaalcha dulloomaa ‘hin danda’amu’ jedhuun rakkoon nu mudachuu mala; haa ta’u malee bu’aa qabatamaa argameen kiyyoo yaada fudhachuu dhabuu keessatti kufuu hin qabnu jedhan.Lammiileen jijjiiramni akka danda’amu; qabeenyota keenya qixa sirriin wantoota dursa kenninuuf yoo oolchine hawaasa ceesisuu akka dandeenyu amanuutu irra jira jedhan ergaa isaaniin.Hojiin godinaalee arfanitti hojjetame guutuu naannichaatti dabalamuu akka qabus dhaaman.Hoggansi naannichaas hojii guddaa kana akka raawwatu amantaa qaban ibsaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.