Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC) – Ayyaanonni Masqalaa fi Irreecha Hora Finfinnee sosochii tuurizimii magaalaa Finfinnee keessatti gahee olaanaa bahataniiru jedhe Komishiniin Tuurizimii magaalichaa.Magaalaan Finfinnee torbanoota darban keessa ayyaanota dirree namoonni hedduun irratti hirmaatan keessummeessiteetti.Komishinarri Komishinii Tuurizimii magaalichaa Hundee Kabbadaa Faanaa Dijiitaaliif akka ibsanitti, keessummoonni hedduun ayyaanota kanneen irratti waan hirmaataniif qophii guddaan taasifamee ture.Hirmaattonni ayyaanota kanneenii fi daawwattoonni alaa tajaajila gahaa akka argataniif dhaabbilee dhuunfaa tajaajila kennan waliin qophii gahaan taasifamee akka tures yaadachiisaniiru.Ayyaanonni kunneen guddina tuurizimii biyya keessaaf qooda olaanaa qabaachuu kaasanii, hirmaattonni sirnoota ayyaanaan cinaatti bakkeewwan gahumsa tuurizimii magaalichaa akka daawwatan taasifamuu eeraniiru.Yeroo itti aanutti bakkeewwan gahumsa tuurizimii babal’isuun fi beeksisuun akkasumas dandeettii damee tajaajilaa guddisuun faayidaa tuurizimiirraa argamu guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.Hayilamaariyaam Taganyiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.