Finfinnee, Hagayya 28, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Rashiyaa Vilaadmiir Puutiin, Pireezidaantiin Yukreen Vooloodmiir Zalaniskiin Moskoo akka daawwatan affeeran.Puutiin daawwannaa Chaayinaatti taasisan ilaalchisee ibsa kennaniiru.Daawwannaan Chaayinaatti taasisan bu’aa qabeessaa fi hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu eeran.Yukreen dabalatee nageenya biyyaalessaa eeguun akka danda’amu daawwannichaan hubachuu ibsan.Miidhaa Yukreenirra gaheef kan gaafataman biyyoota lixaa ta’uu dubbatan.Pireezidaantiin Yukreen Vooloodmiir Zalaniskiin dhimma waraanichaarratti mari’achuu yoo barbaadan balballi Moskoo banaa akka ta’e eeran.Akkaataa seera filannoo Yukreeniin yeroon aangoo Zalaniskii xumuramuu himan.Osoo aangoo gadi hin lakkisin marii bu’aa qabeessa taasisuu akka danda’u yaadachiisuu BBC fi Ispuutinik gabaasaniiru.Mikiyaas Ayyaalatiin#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.