Sudaan Kibbaa 1 – 4 Itiyoophiyaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) – Tapha gulaallii Waancaa Biyyoota Bahaa fi Giddugaleessaa Afrikaan Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Umrii waggaa 17 gadii gita isaa Sudaan Kibbaa galchii 4 fi 1’n injifate.Daawiit Kaasaan daqiiqaa 11ffaa, 16ffaa fi 53ffarratti galchiiwwan 3 Itiyoophiyaaf galcheera.Iniyew Silashiin galchii tokko galcheera.Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Umrii waggaa 17 gadii (Jeedaloonni Diimtuun) Sanbata darbe gita isaanii Ruwaandaa galchii 2fi 0’n injifachuun kan yaadatamuudha.Itiyoophiyaan ramaddii ‘A’ jalatti biyyoota akka; Soomaaliyaa, Keeniyaa, Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa Waliin ramadamte.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.