Finfinnee, Sadaasa 8, 2018(FMC) – Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa baatiiwwan arfan darbanitti galii Birrii biiliyoona 33 fi miiliyoona 600 ol argate.Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaaabbatichaa Injinar Geetuu Garramoon galiin kun gurgurtaa inarjii, maamiltoota haaraa, gurgurtaa meeshaalee tajaajila hin kenninee fi maddeen galii biroorraa argamuu eeran.Tajaajilichi baatiiwwan arfan darbanitti galii Birrii biiliyoona 33 fi miiliyoona 700 fi kuma 200 sassaabuuf karoorsuun karoora isaa %97 milkeessuu Faanaa Dijiitaaliif ibsaniiru.Baatiiwwan arfan darbanitti maamiltoota haaraa kuma 100 fi kuma 53 fi 973 fayyadamoo taasisuun danda’ameera jedhan.Tattaaffii kaffaltii dijiitaalaa cimsuuf taasifamaa jiruun baatii Onkololessaa keessa lakkoofsi maamiltoota karaa dijiitaalaa kanfaltii raawwatan %95 irra gahuus ibsaniiru.Malaakuu Gaddifiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.