Fooramichi magaalonni bakka teeknooloojiin maddu ta’uu qabatamaan agarsiise- Aadde Caaltuu Saanii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 8, 2018(FMC) – Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin fooramii 10ffaan magaalotaa magaalonni bakka beekumsi teeknooloojii maddu ta’uu qabatamaan agarsiiseera jedhan.Fooramii 10ffaan Magaalota Itiyoophiyaa naannoo Afaar magaalaa Loogiyaatti gaggeeffamaa jira.Aadde Caaltuu Saaniin agarsiisa fooramicha ilaalchisuun qophaa’e daawwataniiru.Xiyyeeffannoo mootummaan magaalotaaf kenne bu’aa qabatamaa galmeessisaa akka jiru kaasanii, magaalonni dandeettiifi qabeenya qabaniin misoomaa jiraachuu ibsaniiru.Agarsiisni kun hariiroon magaalotaa akka cimuufi muuxannoo akka waliif qoodaniif gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.