Finfinee, Sadaasa 7, 2018 (FMC)- Misoomii koriidarii moodelli baadiyyaa qonnaan bultooti fayyadamoo bu’uuraalee misoomaa fi tekinooloojii akka ta’an gargareera.Naannoo Giddugala Itiyoophiyaa Godina Hadiyyaa Aanaa Leemmootti kan argamu qe’een oodelli baadiyyaa Dubaanchoo misoomawwan Koriidarii baadiyyaa moodela ta’an Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad eegalchiisan keessaa isa tokko.Faanaa Miidiyaa Korpooreshin dabalatee ogeeyyin midiyaa Guyyaa Saboota, Sab-lammootaa fi Uummatootaa Itiyoophiyaa Sadaasa 29, 2018 kabajamu keessummeessuuf qophii Naannoon Giddugala Itiyoophiyaa gochaa jiru ilaalaa jiru.Qe’ee moodela baadiyyaa Dubaanchootti argamuun akka daawwatanitti, qe’ee kanatti buuraaleen misoomaa daandiin, elektirikni fi bishaan guutameefii jiraattotni tekinooloojiitti fayyadamaa jiru.Aadaa ti dudhaalee hawaasa naannoo eegee baasii xiqqaan kan ijaarame qe’een baadiyyaa kun haala jireenyaa qonnaan bulaa kan jijjiiree fi fooyyessee dha.Qonnaan bultoonni naannoo isaaniitti sirnaan fayyadamuun misoomawwan kuduraa, fuduraa, beelladootaa fi Kannisaa karaa ammayyaan misoomsuun bu’aa qabatamaa argachaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.Bu’aalee beelladootaa fayyadamuun baayoogaasiin nyaata bilcheeffachuu fi ibsaa argachuu danda’uu jiraattonni qe’ichaa dubbataniru.Akka ibsa jiraattotaatti, qonnaan bulaan muuxannoo qe’ee kanaa fudhachuun humna isaan naannoo isaa miidhagsuu, bakka qabu irrattis hojii qonnaa qindaa’aa hojjechuu danda’eera.Misoomni koriidarii baadiyyaa madaala bu’uuraalee misoomaa baadiyyaa fi magaalaa kan eegsisu ta’uu qonnaan bultoonni dubbataniiru.Kallattii Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ka’aniin muuxannoo aanaa Leemmoo Qe’ee Dubaanchoo irraa ka’uun, manneen qonnaan bulaa 18 ijaaruuf qe’ee adda baasaa jiraachuu bulchaan aanichaa obbo Taaddalaa Damisee ibsaniiru. Maartaa Geetaachootu gabaase.#Oromia #Ethiopia