Dooktar Ambaasaaddar Laggasaa Tulluun xalayaa muudama isaanii Barreessaa Olaanaa IGAD’f dhiyeessan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 14, 2018(FMC)- Jibuutiitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Ambaasaaddar Laggasaa Tulluun xalayaa muudama isaanii Barreessaa Olaanaa Abbaa Taayitaa Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dooktar Warqinaa Gabayyoof dhiyeessan.Dooktar Warqinaa Gabayyoon ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Dooktar Ambaasaaddar Laggasaa Tulluu waliin kallattiiwwan xiyyeeffannoo ardii fi dhaabbatichaa irratti mari’anneerra jedhan.Dooktar Ambaasaaddar Laggasaa Tulluun Koree Ambaasaaddarootaa IGAD’tti makamuus Dooktar Warqinaan ibaniiru.Jibuutiitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun kan muudaman Dooktar Laggasaa Tulluun xalayaa muudama isaanii Sadaasa 8, 2018 Pirezidaantii biyyattii Ismaa’el Oomaar Giileef dhiyeessuun isaanii kan yaadatamudha.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.