Finfinnee, Sadaasa 14, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Konfedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa(CAF) Dooktar Paatiriis Mootisiippii waliin mari’ataniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirezidaantii CAF Dooktar Paatiriis Mootisiippii waliin Kubbaa Miillaa Afrikaafi gahee Itiyoophiyaan guddina isaa keessatti qabdurratti marii bu’aa qabeessa taasisneerra jedhan.Guddina dargaggootaaf ijaarsa bu’uuraalee misoomaa ispoortii fi Kubbaa Miillaa Afrikaa waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti guddisuuf tumsa CAF waliin qabnurratti mari’anneerra jedhaniiru ergaa isaaniin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.