Walga’ii biyyoota garee 20 cinaatti mariiwwan waloo faayidaa Itiyoophiyaa guddisan gaggeeffaman – Obbo Ahimad Shidee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 14, 2018 (FMC) – Walga’ii biyyoota garee 20 cinaatti mariiwwan waloo faayidaa Itiyoophiyaa guddisan gaggeeffaman jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen.Obbo Ahimad Shideen mariiwwan waloo yaa’ichaan cinaatti Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaaniin durfamu hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin taasisan ilaalchisee ibsa kennaniiru.Mariiwwan bu’aa qabeeyyii fi faayidaa Itiyoophiyaa guddisan gaggeeffamuu ibsan.Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin dhimmoota hariiroo fi tumsa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsanirratti mari’achuu kaasan.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadi, Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii,Pireezidaantii Biraaziil Luulaa Daa Siilvaa, Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, Ministira Muummee Noorweey Joonaas Gaahir Istar, Chaansilarii Jarman Fireedriik Meerzi,Pireezidaantii Fiinlaandi Aleeksaander Istaab,Pireezidaantii Turkiyyee Xaayib Erdoogaan, Mootii Abudaabii Sheeh Kaaled Biin Zayid Alnaahiyaan,Pireezidaantii Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa(IMF) Kiristaaliinaa Joorjiiyeevaa dabalatee hoggantoota biyyoota adda addaa fi dhaabbilee idil addunyaa hedduu waliin mariiwwan waloo faayidaa Itiyoophiyaa guddisan taasisuu ibsan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.