Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) –Dhaabbilee diijitaalaa addunyaa irratti argaman keessaa adda duree kan ta’e hoji gaggeessaan dhaabbata Google Sundar Piichaach invastimantii guddaan Hubannoo namtolchee irratti hojjetamaa jira jedhan.Carraan qabiyyee Teeknooloojiin dhufu guddaa ta’us sodaa isa waliin dhufu sirnaan hubachuun of eeggannoo olaanaa taasiisuun murteessaa ta’uu hubachiisan.Dhaabbanni kamiiyyuu Sodaa odeeffannoo sobaa hubannoo namtolcheerraa bilisa ta’uu akka hin dandeenye kaasan.Kanaaf of eeggannoo cimaa taasiisuun dirqama ta’uu yaadachiisan.Yeroo ammaa hanguma Hubannoo Namtolcheetti baasii olaanaan bahu, of eeggannoo isa madaalu gochuun murteessaa ta’uu eeran.Carraa hubannoo namtolchee qofa osoo hin taane sodaa inni qabus tilmaama keessa galchuun dirqama ta’uu dubbatan.Odeeffannoon sobaa hubannoo namtolcheen oomishamu miidhaa olaanaa kan qaqqabsiisuudha jedhan.Dhimmichi dhaabbata Googliif illee sodaa cimaa ta’uu himuun, miidhaa inni fidurra baraaramuun kan hin danda’amne akka ta’e ibsan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.